Magaalaa Waraabeetti Balaa tiraafikaan lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Godina Silxee Magaalaa Waraabeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun haadholii lamaa fi daa’imman lamaa darbuun ibsame.

Har’aa Sa’aatii 8:00 irratti konkolaataan deddeebisaa ummataa Waraabeerraa gara Qilixxootti imalaa ture garagaluun balichi qaqqabuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Waraabeerraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti har’a balaa konkolaataa har’a mudateen miidhaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.

Hogganaan Poolisii Aanaa Baakkoo Tibbee Inispreektar Olaanaa Dhugaasaa Asaffaa FBC’f akka ibsaniitti, Konkolaataan qaxxaamura biyyaa Finfinneerraa gara Godina Qellem Wallaggaatti imalaa ture ganda Tulluu Sangootaa jedhamutti sa’atii 7:00rratti garagaluun miidhaa qaqqabsiiseera.

Balaa mudateenis namoota sadiirraa miidhaa cimaan, namoota 8 irra ammoo miidhaa salphaa qaqqabuu ibsaniiru.

Namootaa miidhaan irra ga’eesgara Hospitaala Baakkootti geeffamuun wal’aansi barbaachisan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Ka’umsi balichaas ariitiin konkolaachisuurraan akka ta’e Inspeektar Olaanaa Dhugaasaa Asaffaa himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment