Magaalaa Wanjiitti dirqamni lammummaa gannaa bara 2013 eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)- Biiroon Dhimma Hojjetaafi hawaasummaa Oromiyaa Tajaajila Dirqama lammummaa gannaa bara 2013 Godina Shawaa Bahaa Bulchiinsa Magaalaa Wanjiitti guyyaa har’aa eegalchiise.

Bara darbe  akka naannoo Oromiyaatti Tajaajila Dirqama lammummaatiin hojiin Birrii biiliyoona 26tti siqu hojjetameera.

Akka Biiiroo dhimma hojjetaafi hawaasumaatti ammoo bara darbe hojii dirqama lammummaatiin hojiin Brrii Biliyoona 3tti siqu hojjetameera.

Hooggantuun Biiroo dhimma hojjetaa fi Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Adde Jamiilaa Simbiruu, bara kana ammoo Biirochi hojii Dirqama lammummaa ganna kanaatiin yoo xiqqaate Birrii Biliyoona 5tti siqu ni hojjetama jedhaniiru.

Jalqabbii Tajaajila Dirqama lammummaa guyyaa har’aa Magaalaa Wanjiitti eegalame kana irratti Gumii dhaabbilee Amantaa Naannoo Oromiyaa dabalatee Hojjettoonni Biiroo dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa akkasumas dargaggoonni Argamaniiru.

Dursitoonni dhaabbilee amantaas manni amantaa kamiyyuu isa rakkatte gargaaruu akka qabnu ni hubachiisaa jedhaniiru.

Kanaaf Hojii Tajaajila Dirqama lammummaa kanaan Waan dandeenyu hundaan kanneen rakkatan cinaa dhaabbachuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Aadde Jamiilaan hojiin dirqama lammummaa labsii Caffee Oromiyaatiin ragga’e tahee erga hojiirra oolee bu’aawwan gurguddoo Naannoo Oromiyaa keessatti argamsiisee akka jiru himaniiru.

Sagantaa kanaanis bakka humni mootummaa waliin gahuu hin dandeenyeef deggersa taasisuu akka tahe himaniiru.

Tajaajila Dirqama Lammummaa Ganna kanaatiinis Qooda Fudhattoota garaagaraa waliin tahuun kanneen deggersa barbaadan qaqaabuuf Ni hojjetamas jedhaniiru.

Manneen Maanguddoota 3 Magaalaa Wanjiitti Haaressuuf  meeshaaleefi Baasii barbaachisu hunda Biiroon Dhimma Hojjettaa fi Hawaasummaa Oromiyaa dhiheesseera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment