Magaalaa Walisootti hojiin Tajaajila Lammummaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Sagantaan tajaajila Lammummaa Magaalaa Walisootti eegalameera.
Sagantichi bakka hoggantoonni mootummaa federaalaa, naannolee fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti eegalamuu ibsameera.
Sagantaa kanaan manneen harka qalleeyyii haaromsuu fi hojiin Ashaaraa magariisaan ni hojjetama jedhame.
Akka OBN gabaaseetti,tajaajila lammummaa kana milkeessuuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu Kaantibaan Magaalaa Walisoo aadde Kaabbaa Mabraatuu waamichaa dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment