Magaalaa Sulultaatti meeshaaleen waraanaa seeran ala daddabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti kilaashiin 45 seeraan ala daddabarfamaa ture to’atamuusaa QajeelchiiPoolisii Bulchiinsa Magaalichaa beeksiseera.
Kilaashiin 45 seeraan alaa Naannoo Gaambeellaa ka’uun Magaalaa Finfinnee qaxxaamuruu gara Naannoo Amaaraa Magaalaa Baahir Daar ga’uuf imalaa ture Bulchiinsa Magaalaa Sulultaatti qaamoolee nageenyaa fi Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaan to’atameera.
Daayreektarri Qajeelcha Poolisii Magaalichaa Komaandar Nagarii Dhibbaa yaada kennaniin, kilaashiin abbaa sadafii 33, kilaashii Dachaatuun 12 waliigalatti kilaashiin(45) qindoomina qaamolee nageenyaan to’annoo jala ooluu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Sulultaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment