Magaalaa Sulultaa, Buraayyuu fi Laga Xaafootti Murtoo fi kallattii Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaa fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa, Buraayyuu fi Laga Xaafoo Laga Daadhitti Murtoo fi kallattii Yaa’ii 1ffaa Paartii Badhaadhinaan darbee fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira.
Waltajjii magaalaa Sulultaarratti kantiibaa Magaalaa Sulultaa Aadde Liidiyaa Caalii, Itti Gaafatamaa Qajeelcha Siyaasa Paartii Badhaadhina damee oromiyaa fi miseensa koree giddu galeessa paartii Badhaadhinaa obbo Mahaammad Kamaal ,Hoggantoonni Magaalaa ,abbootiin gadaa ,abbootiin amantaa ,Dargaggoonni fi Dubartoonni Magaalichaa hirmaachaa jiru .
Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuuttis mariin Uummataa Mata duree, “Baay’inni Qormaataa Imala
Badhaadhinaa keenyarraa nu hin dhaabu!” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Itti aantuun Af -Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoo fi Kantiibaan Magaalaa Buraayyuu obbo Jagnaaw Gizaawu waltajjiicha gaggeessaa jiraachuu ibsameera.
Dhimma tajaajila uummataa, Nageenyaa waliigalaa, Dhimma Qaala’insa Jireenyaa, Rakkoo Bulchiinsa Gaarii, Dhimma malaammaltummaa fi hannaa, rakkoowwan bu’uuraalee misoomaan walqabataniifi kanneen biroorratti murtee yaa’ii darbe ilaalchisee ummataaf hubannoo uumamaa jiraachuu ibsameera.
Mariin kun Bulchinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiittis gaggeeffamuu ragaan Waajjiraalee Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa magaaloota kanneenirraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment