Magaalaa Shaggaritti Manneen Barnootaa idileen duraa 70 ijaaramaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Magaalaa Shaggaritti Manneen Barnootaa idileen duraa 70 ijaaramaa jiraachuu Waajjirri Barnootaa magaalichaa ibseera.

Bara kana Manneen Barnootaa idileen duraa 70 ijaaramaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa bulchiinsa magaalichaa Obbo Firakiyyaa Kaasahuun ibsaniiru.

Manneen barnootaa ijaarramaa jiran keessaa 20 xumuramuu eeruun, kan hafanis bara kana ni xumuramu jedhan.

Manneen barnootaa suphaa barbaadaniis tumsa dhaabbiilee deeggartootaa fi abbootii qabeenyaan suphamuu isaanii eeraniiru.

Sagantaa fooyya’iinsa barnootaan manneen barnootaa 51 moodeela taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Firakiyyaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Adeemsi baruu fi barsiisuu haala qabxii barattootaa fooyyeessuu danda’uun hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Magaalichatti yeroo ammaa Koreen Tiraanisfoormeeshinii barnootaa hundaa’uun hojiitti galamuu dubbataniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment