Magaalaa Shaggaritti ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii Birrii biiliyoona 1’n eegalamuufi

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu afur Birrii biiliyoona 1’n akka eegalamu ibsameera.

Pirojektiiwwan ijaarman kunneenis Gafarsaa Gujeetti, Gaaraa Malkaa Noonnootti kan eegalaman ta’uun eerameera.

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchinsa Magaalichaa Injiinar Abboomaa Dheeressaan FBC’f akka ibsanitti, naannawaa Gafarsaa Gujeettii baasii Birrii miiliyoona 456’n hawaasaa bal’aa fayyadamtootaa taasisu eegaluuf caalbaasiin ba’uun gara hojitti seenameera.

Waajjirichi bara baajatichaatti waliigalaan Pirojejktii bishaan dhugaatii 13 Birrii biiliyoona 2.5’n jalqabsiisuuf karoorfatus, sababa hanqina baajataan pirojektoota afuriif dursa kennuun Birrii biiliyoona 1’n hojjechisuuf karoorfamuun gara hojiitti seenamuu himaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment