Magaalaa Shaggaritti biqiltuu miiliyoona 14 dhaabuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan Magaalaa Shaggaritti biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoona 14 dhaabuuf karoorfamuun ibsame.

Duulli Ashaaraa Magaariisaa Gannaa har’aa magaalichatti eegaleera.

Duulichi kutaalee magaalatti hundatti kan eegale yoo ta’u, hoggantoonni Olaanoon Naannoo, Magaalaa Shaggar, Kutaalee Magaalaa fi hawaasni argamaniiru.

Sirna eegalchiisa saganticharratti Kantibaan Magaala Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan, akka bulchiinsa magaalichaatti bara kana biqiltuuwwan nyaataaf, midhaginaa fi bosonaaf oolan miliyoona 14 ol kan dhaabamu ta’uu ibsan.

Hogganaan Biroo qonna Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu, inisheetivi Sagantaa Ashaaraa Magarisaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad bocan galmaan gahuuf, hirmaannaa hawaasaan biyya qilleensa mijataa fi diinagdeen bu’a qabeessa taatee umuuf kan hojjatamu ta’u ibsuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment