Magaalaa Shaashammanneetti xaa’oo kuntaala 300 irraa kiiloo giraamni 5 hanga 39 hir’ifamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashammanneetti xaa’oo kuntaala 300 irraa kiiloo giraamni 5 hanga 39 hir’ifamuu ibsameera.

Ejansiin babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Godinichaa man-kuusaa Yuuniyeenii Raayyaa Waakkannaa Shaashamanneerratti sakattoo taasiseen  xaa’oo  kuntaala 300 irraa kiiloo giraamni 5 hanga 39 hir’ifamuu ibseera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa aadde Mardiyaa Jamaal, Faanaa Broodkaastiing Korporeettitti akka himanitti, sakattoo taasifameen namoonni dhimmichaan walqabate shakkaman 5 to’annaa seeraa jala kan oolan yoo ta’u, tokko miliquun barbaadamaa jiraachuu eeraniiru.

Taateen akkanaa gocha kana dura muul’atee hin beekne ta’uu dubbataniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment