Magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochuu kiiloogiraamni 200 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti sakatta’iinsa taasifameen baalli sammuu namaa hadoochu kiiloogiraamni 200 to’atamuu Qajeelchi poolisii magaalichaa beeksise.

Qajeelchichi tibbana sochiiwaan seeraan alaa to’achuuf hawaasa waliin qindoomuun hojjachaa jiraachuu himeera.

Sakattoo taasifameen baalli sammuu namaa hadoochu kiiloogiraamni 200 fi madaalli isaa 3 shakkamtoota waliin to’atamuu fi dhimmi isaanii qulqullaa’aa jiraachuu Qindeessaan Sab-qunnamtii Qajeelcha poolisii magaalichaa Inspeektar Taammiraat Abbabaa ibsaniiru.

Qajeelchichi torban darbe keessa baala sammuu namaa hadoochu  kiiloogiraama 400 to’achuu yaadachiisaniiru.

Baalli sammuu namaa hadoochu kun saamsamuudhaan Mooyyaaleerraan gara biyya alaatti baasuuf akka ture ragaa shakkamtoota irraa argameen mirkaneeffachuun danda’amuu Inspeektar Taammiraat himaniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment