Magaalaa Shaashamannee fi godina Arsii Lixaatti talaalliin vaayrasii koroonaa laatamu eegalame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Shaashamannee fi godina Arsii Lixaatti talaalliin vaayrasii koroonaa laatamu eegalameera.
Itti gaafatamaa waajjira Eeggumsa Fayyaa magaalaa Shaashamannee obbo Tashoomee Mahaammad, sadarkaa magaalaatti karoora qabameen namoonni kumni 1 fi 500 fi 55 talaalicha kan fudhatan ta’uu himaniiru.
Talaalliin marsaa jalqabaatiif ogeeyyii fayyaa fi hojjettootaaf ni laatama jedhaniiru.
Marsaa 2ffaatiin namoota umriin isaanii waggaa 65 ol ta’ee fi dhukkuboota qancaraa kan akka dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa qabaniif talaallichi akka laatamuu himaniiru.
Namoonni marsaa lammaffaaf carraan kennameef dhaabbilee fayyaa naannoo isaanii deemanii galmaa’uu qaban himaniiru.
Jibriil Huseentu gabase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment