Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaatti Hiriirri deeggarsaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) –Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaatti Hiriirri deeggarsaa mata duree ”Nageenya keenya ni eegganna, jijjiirama ni waaressina” jedhuun gaggeeffameera.
Jiraattoonni Magaalaa Shaashamannee fi Godima Arsii Lixaa Tokkummaa Itiyoophiyaa cimsuun egeree boruu ni mirkaneessina, Nageenya Keenya Ni Eegganna; Jijjiirama Ni Waaressina,Injifannoo Arganne Tikfachaa Kan Hafeef Waloon Hojjenna akkasumas Nageenyi Hundaaf Hundis Nageenyaa, Seenessi Waloo Utubaa Ijaarsa Biyyaatiif jedhuun hiriira deeggarsaa kana gaggeessaa jiru. dhaadannoowwan biroos dhageessisaa jiru.
Xilaahun Yilmaa, Lammaa Tasfaayee fi Kominiikeeshinii Magaalaa Shaashamanneetu gabaase.
Comments (0)
Add Comment