Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC) – Godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee magaalaa Sabbataatti oomishaleen qonnaa jallisiin misooman daawwatamaniiru.
Daawwannichaan oomishni qamadii, kuduraalee fi muduraalee jallisiin misooman daawwatamaniiru.
Daawwannicharratti kantiibaa magaalaa sabbataa Aadde Alfiyaa Abdurramaan dabalatee qondaaltonni olaanoon hojii mootummaa naannoo Oromiyaa hirmaataniiru.
Qonnaan Bultoonni oomisha qamadii fi kudura fi muduraarratti bobba’anis bu’aa olaanaa argachaa jiraachuu himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.