Magaalaa Sabbataatti Manni Barumsaa Bu’uura Boruu Ganda 07 maqaa Artist Alii Birraatiin moggaafame

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Magaalaa Sabbataatti Manni Barumsaa Bu’uura Boruu Ganda 07 maqaa Dooktara Kabajaa Artist Alii Birraatiin moggaafame.

Jilli Ittaanaa Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu mana barumsichaatti sagantaa jalqabsiisa nyaata barattootaa jalqabsiisaniiru.

Saganticharratti maqaan mana barumsichaa maqaa Artist Alii Birraatti moggaafamuu  Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa Obbo Fiqaaduu Tulluu ibsuu ragaan kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment