Magaalaa Qarree Gohaatti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 5.7tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) –Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Qarree Gohaatti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 5.7tti tilmaamamu to’atamuu ibsameera.
Meeshaaleen karaa seeraan alaa naannoo Amaaraa, Matammaa irraa ka’uun gara Finfinneetti imalaa ture Buufata sakattoo Aanaa Warra Jarsoo Magaalaa Qarree Gohaatti to’atamuu Waajjirri Daldalaa Godina Shawaa Kaabaa beeksise.
Urgooftuun gosti kudhan, kaartooniin kumni 28 fi 845 Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 7tti tilmaamamu to’atamuu Itti Gaafatamtuun Waajjirri Daldalaa Godina Shawaa Kaabaa, Aadde Burtukaan Baqqalaa ibsuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment