Magaalaa Naqamteetti miseensota abbaa torbeerratti tarkaanfin fudhatame

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC)- Humni Addaa magaalaa Naqamtee miseensota abbaa torbee 4 irratti tarkaanfiin fudhateera.

Itti gaafataman humna addaa magaalichaa Komandaar Girmaa Abdiisaa, boombii 2, shugguuxii 3, meeshaaleen sagalee hin qabnee fi uffannaan raayyaa ittisa biyyaa duraniis to’annaa jala oolusaa ibsaniiru.

Miseensoonni abbaa torbee kunneen magaalaa Naqamtee ganda 05 mana nama dhuunfaa mandheeffatanii turan.

Poolisiin kaleessa guyyaa 5:30tti to’annaa jala oolchuuf wayita yaaluutti dhuukasaa banuun miliquuf osoo yaalanii taarkaanifichi fudhatamera.

Magaalaa Naqamteetti yeroo adda addaatti maqaa abbaa torbeen lubbuun namoota hedduu badaa turuu ibsaniiru.

Hawaasnis humnoota badii dhoksaatti rakkoo uumuuf sochoo’an saaxilaa jiraachuu ibsuun eeruun uummata cimee akka itti fufu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment