Magaalaa Naqamteetti daa’imman harka qalleeyyii kuma 6 oliif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalichaa hojii tajaajila lamummaatiin daa’imman harka qalleeyyii kuma 6 fi 425f deeggersa meeshaalee barnootaa taasisuun ibsameera.
Deeggarsichi Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibbi 6 olitti kan tilmaamamu ta’uu Itti gaaffatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Naqamtee aadde Maskaram Alamaayyoo ibsaniiru.
Seekteroota magaalichaa, Etyoo_teeleekoom, waldaa tola ooltotaa, kutaalee bulchiinsaa fi namoota dhuunfaa deeggarsa taasiisan galateeffataniiru.
Kaantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee obbo Bariisoo Tamasgeen gama isaaniitiin, wal gagaaruun, wal bira dhaabbachuun duudhaa Oromoo ta’uu fi akka mootummaattis hojiin tajaajila lamummaa labsiitiin deeggeramee hojii qabatamaatti erga galee bubbuluu ibsaniiru.
Qaamolee deeggrsa taasisaniifis beekamtii fi baadhaasni laatamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment