Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2014 (FBC)- Waajjirri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa Bulchiinsa magaalaa Naqamtee meeshaalee barnootaa qaamoolee adda addaarraa walitti qabee ture barattoota maatii harka qalleeyyii kuma 7 fi 338’f deeggarsa taasisuu ibseera.
Haaluma kanaan karaa waajjira Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa magaalichaan deeggarsi meeshalee barnootaa Birrii Miiliyoona 6 fi kuma dhibba 2 fi kuma 36 fi 292tti tilmaamamu barattoota kuma 7 fi 338’f deeggarsi taasifamuu ibsameera.
Deeggarsi meeshaalee barnootaa kunis qaamoota adda addaa irraa kan walitti qabamee ta’uu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.