Magaalaa Miizaan Amaanitti waltajjiin marii ummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Miizaan Amaanitti waltajjiin marii ummataa gaggeeffamaa jira.

Marichi mata duree “Gargaaramuurraa gara oomishtummaatti kabajaa fi birmadummaa biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Dooktar Sammaa Xirunaa, Itti Aanaa Pireezidaantii fi Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Maasrashaa Balaachew dabalatee hoggantoonni naannichaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa waltajjicharratti argamuu ragaan Kominikeeshinii Godina Beenchii Shakkoorraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment