Magaalaa Mattuutti namoota harka qalleeyii waliin sagantaan Ifxaaraa gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Hawaasni Muslimaa Bulchinsa Magaalaa Mattuu sooma Ramadaanaa sababeefachuun namoota harka qalleeyii waliin sagantaa Ifxaaraa gaggeessaniiru.

Hordoftoonni amaanta Islaamaa Magaalaa Mattuu daandiirratti namoota harka qalleeyii ta’an waliin sagantaa Ifxaaraa gaggeessaniiru.

Sirna kanaa irrattis gaggeessitoonni Mootummaa Godina fi Magaalichaa akkasumas bakka buutoonni amantaalee garaagaraa argamaniiru jedhame.

Dura taa’aan Mana Maree Ulamoota Godina Iluu Abbaa Boor Shee Abdallaa Jamaal yeroo sooma Ramadaanaa kan hin qabne akka Rabbi jedhuuttii gargaaruu fi biraa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Harka qalleeyyiin sagantaa qophaa’eef warra qopheessan galateeffataniiru.

Maddi:- OBN

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment