Magaalaa Maqaleetti Juuntaan awwaalee kan ture taankariin boba’aa 13 argame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) –Magaalaa Maqaleetti Juuntaan awwaalee kan ture taankariin boba’aa 13 argame.
Magaalaa Maqalee bakka addaa Gabri’eel jedhamee waamamutti Juuntaadhaan awwaalee kan ture taankariin boba’aa 13 argameera.
Taankaricha keessatti boba’aa liitira kuma 200 ol argameera.
Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaan Itti Aanaa Opireeshinaalaa Kutaa Waraanaa 25ffaa Birgeedii 2ffaa Shaalaqaa 1ffaa Shaambal Yohaannis Maatiyaas akka beeksisanitti Juuntaa kaayyoo waraanaaf yaadee awwaale kan ture taankariin boba’aa 13 sona raayyaan ittisa biyyaa taasiseen too’atameera.
Naannichatti awwaalamuun kuusaa boba’aaf ooluuf kan ture taankaroota dabalataa 9 argamuu Shaambal Yohaannis Maatiyaas ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment