Magaalaa Maqaleetti adeemsi baruu fi barsiisuu Gurraandhala 1, 2013 ni eegala jedhame

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC) – Duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi sababa weerara vaayrasii koroonaan adda cite kan ture adeemsi baruu fi barsiisuu Gurraandhala 1, 2013 magaalaa Maqaleetti kan eegalu ta’uu Kaantibaan magaalichaa ibsan.
Yeroo ammaa magaalichatti haalli nageenyaa tasgabbaa’uu isaan weerara vaayrasii koroonaaf of eeggannoo cimaa taasiisuun adeemsa baruu fi barsiisuu Gurraandhala 1, 2013 irraa eegalee jalqabuuf qophiin xumuramuu Kaantibaan bulchiinsa yeroo magaalaa Maqalee obbo Ataakiltii Hayilasillaaseen ibsaniiru.
Maatiin barattootaa guyyaa jedhamee eegalee daa’immaan isaanii gara manneen barnootaa akka ergan waamicha dhiyeessaniiru.
Dhaabbilee kenna tajaajilaa mootummaa yeroo ammaa hojii idilee isaanii raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment