Magaalaa Maayaatti duulli dhaabbii biqiltuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC)-Duullii dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Addallee keessatti gaggeeffamaa jira.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Dooktar Ifiraa Waziir duulichaan biqiltuuwwan akka dhabaman eeruun, biqiltuun har’a dhaabamu kun dhaloota boriif galaa jireenyaati jedhan.

Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Har’aa kanaaf akka magaalichaatti bakkeewwan adda baafaman 10’tti kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun duulichi gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment