Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhitti bishaan Birrii miil. 83.8 hojjetamee eebbifame tajaajila eegale

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhitti bishaan Birrii miiliyoona 83.8 hojjetamee eebbifame tajaajila eegale.
 
Eebbicharratti kan argaman kantiibaan bulchiinsa magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii aadde Habiibaa siraj rakkoo bishaanii ummataa magaalichaa guddaa ture %60 oliin kan hiiku ta’uu himanuun, iddoo bishaanichi itti bahee hawwaasa naannoo 44 jiraniif boono lama kennamuus dubbataniiru.
 
Akka Aadde Habiibaan sochii bulchiinsi magaalaa Finfinnee baajata ramaduun hojjete galateefatanii hawwaasnis bishaan kana kunuunsuun itti fayyadamuu akka qaban himan.
 
Waajjirri kominikeeshinii bulchiinsa magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii akka beeksiseetti hojii gaggeessan Bishaan Bulchiinsa magaalaa Finfinne obbo Zarihuun Abaatee hawwaasni finfinnee bishaan naannawwa kana irraa waan argatuuf hawwaasa kanaaf ammoo bishaan dhiyeesuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
 
Ittigaafatamaan waajjira Bishaani magaalichaa obbo Birhaanuu Baqqalaa bishaan argamee kun rakkoo bishaan magaalichaa hanga ta’e hiikuun hawwaasni osoo baay’ee hin turiin bishaan akka argatu taasisa jedhan.
Comments (0)
Add Comment