Magaalaa Kombolchaatti Warshaalee miidhamanii turan keessaa 11 hojii eegalan

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC) –Magaalaa Kombolchaatti Warshaalee gareen shororkeessaa ABUT barbadeese keessaa 11 hojii eegaluu Ministeerri Indaastirii beeksiise.
Warshaalee gareen ABUT barbadeesse deebiisanii ijaaruuf Ministeerichi iddichatti Biiroo yeroo banuun hordoffii fi deeggarsa taasiisaa jiraachu ibseera.
Biiroon yeroo kun qooda fudhattoota, abbootii qabeenyaa, Komaand Poostii waliin ta’uun waarshaaleen damee uffataa, Nyaata, Dhugaatii, Keemikaalaa, fi Ijaarsaa irratti bobba’anii turan 11 hojii oomishaa akka eegalan taasiifamuu himameera.
Baankoonni, Gumurukni, Ityoo – Teeleekoom, humni Elektirikaa naannichatti argaman hojii eegaluun isaanii warshaaleen kunneen gara hojii akka galan gumaacha olaanaa taasiisuu itti gaafatamaan Biirichaa obbo Phaawuloos Bargaa ibsaniiru.
Wayita humni Elektirikaa guutumaa guutuutti hojii eegale Warshaaleen hafan gara oomishaatti kan galan ta’uu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment