Magaalaa keessatti bakka gurgurtaa Qonnaan Bulaaf mijeessuuf ni hojjetama jedhame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014( FBC)- Biiroon Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa,Bulchiinsa Magaalotaafi Godinaalee waliin raawwii hojii bara 2014 magaalaa Adaamaatti gamaaggamaa jira.

Hojiiwwan misoomaa jalqabaman hirmaannaa Uummataafi kenna tajaajila lammummaa jalqabame itti fufsisuun haala danda’amuufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf qonna magaalaa cimsuu, magaalaa keessatti bakka gurgurtaa qonnaan bulaafi mijeessuufi ogummaa garaagaraa magaalaa keessatti babballisuun hawaasa abbaa ogummaa taasisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu Hoogganaan Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloo ibsaniiru.

Magaalonni muuxannoo hojii gaarii qaban muuxannoo isaanii magaalota biroof kan qoodan ta’uu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment