“magaalaa keenya balfarraa, biyya keenya Juuntaarraa, gantummaa fi jibbaarraa ni qulqulleesina” duulli qulqullinaa naannoo gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Duulli qulqullina naannoo hunda hirmaachise mata duree “magaalaa keenya balfarraa, biyya keenya Juuntaarraa, gantummaa fi jibbaarraa ni qulqulleesina” jedhuun gaggeeffameera.

Duula qulqullina kanarratti Itti Aantuu Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo magaalichaa hirmaataniiru.

Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee akka ibsanitti qulqullina aadaa taasifachuun guyyaa duula qulqullinaa otuu hin eegiin ofii keenyaa fi magaalaa keenyarratti balfa mul’atuu fi hin mul’annee fi yaada badaa haa qulqulleesinu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Finfinnee magaala jireenyaaf mijatuu fi hawwata turizimii akka taatuuf qaamni hundi tumsuu qabaa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment