Magaalaa Jimmaatti qarqara laga Awweetuu misoomsuuf waliigalteen Birrii miiliyoonni 600 mallata’e

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti qarqara laga Awweetuu misoomsuuf waliigalteen Birrii miiliyoonni 600 mallata’eera.
Waliigalticha bulchiinsi magaalaa Jimmaa dhaabbilee ijaarsaa 3 Saa’ii Mahaammad, Musxafaa Jamaalii fi Xilaahuun Ababbaa jedhaman waliin mallateessaniiru.
Itti aanaan hojii gaggeessaa mana qopheessaa magaalichaa Injinaar Kadir Hasaan, ijaarsi misooma qarqara laga Awweetuu kun dhaabbilee ijaarsaa 3 kan ijaaramuudha jedhaniiru.
Ijaarsi proojektii kun baajata bulchiinsa magaalichaa fi deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaatiin sadarkawwan hojii 3 qoodamee kan raawwatamuudha jedhaniiru.
Hojiin jalqaaba proojaktichaa baajata Birrii miiliyoona 101 kan raawwatamu yoo ta’u, baatiwwan 11 keessaatti kan xumuramu ta’uus himaniiru.
Proojaktoonni hafaan lameen baajata Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 99 waggaa 2 keessaatti kan xumuraman ta’uu eeraniiru.
Hojiin misooma qarqara laga Awweetuu kun waliigalatti waggaa 3 keessatti ni xumuramaan eegama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment