Magaalaa Jimmaatti piroojektiin balfa dhangala’aa dhabamsiisuu Birrii miiliyoona 630n hojjatamu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti Piroojektiin balfa dhangala’aa dhabamsiisu Birrii miiliyoona 630n hojjetamu har’a Ganda Qofeetti ijaarsi isaa eegalameera.
Saganticha irratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, Gorsaa Olaanaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Obbo Saahiluu Dirribsaa, Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa dabalatee miseensonni koree qindeessituu, hoggantoonnii fi qaamooleen hawaasaa adda addaa argamaniiru.
Piroojektiin gaaffii qulqullinaa hawaasa Magaalaa Jimmaa yeroo dheeraaf deebii kennu har’a Birrii miiliyoona 630n eegalamuu Itti Gaafatamana Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Jimmaa Injiinar Munawwar Huseen eeraniiru.
Piroojektichi Balfa dhangala’aa kan qulqulleessu, carraa hojii yeroo dargaggoota 200 fi namoota 35 ammoo carraa hojii dhaabbii kan uumu ta’uu Kantibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar eeruu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Comments (0)
Add Comment