Magaalaa Jimmaatti manneen daldalaa daballii gatii taasisan 22 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitooteessa 9, 2012 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti manneen daldalaa daballii gatii taasisan 22 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti manneen daldalaa sababa vaayrasii koroonaan daballii gatii taasisan 22 irratti tarkaanfiin fudhatamuun ibsameera.

Manneen daldalaa kuduraa fi muduraa, daabboo, shaqaxaa fi jimlaa 22 saamsamaniiru.

Yeroo ammaatti hanqinni dhiyeessii meeshaalee waan hin jirreef daballiin gatii taasiifamu kamuu fudhatama kan hin qabane ta’uu Waajjirri Misooma Gabaa magaalichaa beeksiseera.

Magaalichatti koreen to’annoo fi tasgabbii hundaa’uun hordoffii barbaachisu taasisaa jira.

 

Comments (0)
Add Comment