Magaalaa Jimmaatti leenjitoonni tola ooltota biyyoolessaa duula qulqullinaa gaggeessan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC)- Ministeera Nageenyaatti leenjitoonni tola ooltota Biyyoolessaa Magaalaa Jimmaatti Ayyaana Damaraa fi Masqalaa sababeeffachuun duula qulqullinaa gaggeessaniiru.

Qindoomina biiroo hojjetaa fi hawaasummaa magaalichaan duulli gaggeefame kun leenjitoota marsaa 2ffaa kuma 2 ol hirmaachisuu isaa ibsameera.

Leenjitoonni kunneen Addabaabayii Abbaa Jifaar irraa kaasee daandiiwwan ijoo magaalittii fi bakka sirni damaraa itti adeemsifamu qulqulleessaniiru.

Leenjitoonni kunneen gaarummaa gochuu barannee hawaasa keenya hanga humna keenyaa gargaaruuf carraaqaa jirra jedhaniiru.

Warqaaferraawu Yaalewuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment