Magaalaa Jimmaatti Fooramiin abbootii Qabeenyaa gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Fooramiin Abbootii Qabeenyaa gaggeeffameera.
Fooramicharratti waraqaan qorannoo haala sochii invastimantii magaalaa Jimmaa dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Magaalaan Jimmaa humna invastimantiif qabdutti sirnaan fayyadamuun dhabuunshee abbootii qabeenyaa fi koree invastimantii magaalattii xiqii keessa galchuudhaa qaba jedhame.
Bara 2014 keessa eeyyamni invastimantii 65 ol kennamuu eerameera.
Indaastirii Qonnaaf 35, qonnaa 4 fi tajaajila 30f eeyyamni kennamuu ibsameera.
Lafti hektaarri 126 ol invastimantiif kennamuusaa itti gaafatamaan komishinii invastimantii magaalaa Jimmaa obbo Usmaa’eel Sulayimaan dubbataniiru.
Itti aanaa kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Kaasaahuun Joobir gama isaaniin hanqinoota muldhatan furuun sosochiin invastimantii guddisuuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Invastimantii Qonnaa, Maanuufaakcheeriingii fi Tajaajilaarratti abbootiin qabeenyaa Birrii biiliyoona 6.5 olm galmeessiisan eeyyama fudhachuu ibsameera.
Abdurehmaan Mahammaditu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment