Magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaalli haaraan ijaaramuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Ityoophiyaa magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaala haaraa ijaarsisuuf ta’uu ibsameera.

Buufanni fi terminaalichi fayyadamtoota lixa biyyattiitti argamaniif dhiyeenyatti tajaajila kennuun daldala al-ergii fi alaa galan saffisiisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Oomishaaleen qonnaa naannichaa tajaajila loojistikii si’ataa argatanii yeroon gabaa alaaf  akka qaqqabaniif ga’ee olaanaa kan taphatu ta’uu eerameera.

Ijaarsa buufatichaaf lafti hektaarri 20 filatamuu fi dhaabbatichi adeemsa kaffaltii beenyaa fi haalduree tokko tokko guutaa jiraachuu fi walharkaa fuudhiinsi lafaa yeroo gabaabaa keessatti kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment