Magaalaa Jimmaatti Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun harka qalleeyyii 100’f deeggarsi taasifame

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii 100’f deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasise.

Deeggarsicha Waajjirri Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Magaalaa Jimmaafi Waajjirri Buusaa Gonofaa Magaalaa Jimmaa waliin ta’uun taasisuu ibsameera.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaan, waldeeggaruufi walgargaruun duudhaa ganamaa uummata keenyaati jedhan.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment