Magaalaa Hawaasaatti namoonni yakka Butii Shamarree Tsiggeen shakkaman 6 to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Magaalaa Hawaasaatti Tibbana Shamarree Tsiggee Balaachoo jedhamtu nama dhuunfaan butamuu hordofee dhimmichi ajandaa ijoo miidiyaa hawaasaa ta’ee tureera.

Poolisiin magaalichaa dhimmicha ilaalchisee ibsa har’a laateen namoonni yakkichaan shakkaman 6 to’atamuu himeera.

Yakkichi kutaa magaalaa Mannaariyaatti raawwatamuu eereera.

Maatiin Shamarritti, Tsigeen Caamsaa 15, 2015 butamuun achi buuteen ishee dhabamuu qajeelcha Poolisii kutaa magaalichaaf iyyannoo dhiyeeffachuu hordofee Poolisiin qorannoo gaggeessaa turuu ibseera.

Haaluma kanaan namoonni yakka butichaan shakkaman 6 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibseera.

Shakkamaa Shamarree Tsiggee butuun dhokate Saajin Yewaalaa Maabraatee iddoo jiruu adamsuun to’achuuf tattaaffii cimaan taasiifamaa jiraachuu himeera.

Hawaasni Lakkoofsa Bilbilaa 0964504677 fi 969415272 eeruu akka laatu poolisii magaalichaa gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment