Magaalaa Hararitti giddugalli kaansarii Birrii miiliyoona 70 oliin ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)- Giddugalli kaansarii hospitaala hunda galeessaa Ispeeshaalaayizdii Hiwot Faanaa yuunvarsiitii Haramaayaatin Birrii miiliyoonaa 70 oliin ijaarramaa ture eebbbifameera.

Sirna eebbicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa argamuun  dhukkuboota daddarboo hin taane yeroo amma heddummaachaa dhufan keessaa tokko dhukkuba kaansarii ta’u himaniiru.

Gidduugalooni lama hanga amma hojiirra jiraachuu kaasuun  kan hospitaala Hiwot Faanaa isaa sadaaffadhas jedhaniiru.

Giddugaloonni 6 ijaarsa irra jiran xumuramnaan rakkoo hanqina waldhaansa kaansarii biyyatti akka furamuu himaniru.

Itti aantuu preezdaantii naannoo Hararii addee Misraa Abdallaa, giddugalichi  lammiilee tajaajila waldhaansa kaansarii barbaadan itti dhiheenyatti akka argatan gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Itti aanaa preezdaantii yuunvarsiitii Haramaayaa fi bakka bu’aan preezdaanticha proofeeser Mangistuu Urgee, Giddugalichi xiyyeeffannoo kan argatuu fi imaammataa damee fayyaa biyyatti kan deeggaruu ta’u ibsaniiru.

Yuunvarsiitichi tajaajila fayyaa babalisuuf hojiilee hedduun hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.

Giddugalichi yuunvarsiitii Haramaayaatin kan ijaaramee ta’uus himaniiru.

Meeshaaleen waldhaansa yaala fayyaa kaansarii kuniis Ministeera Fayyaa fi maallaqa deeggarsa dhaabbiilee deeggartootarraa argameen doolaara miiliyoonaa 4’n kan guutameedha  kan jedhan daayrektarri olaanaa koolleejjii saayinsii fayyaa fi meedikaalaa yuunvarsiitii Haramaayaa Dooktar Yaadataa Dasseeti.

Gidduugalichi guyyatti waldhanamtoota kaansarii 60 ni keessummeessas jedhameera.

Misiruu Turiiitu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment