Magaalaa Hararitti daldaltoota qabeenyi isaanii balaa ibiddaan jalaa barbadaa’e waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Qaammee 5, 2015 (FBC) ¬– Magaalaa Hararitti balaa Ibiddaa mudateen daldaltoota qabeenyi isaanii jalaa barbadaa’e waliin mariin gaggeeffameera.

Ka’umsi balicha qulqullaa’aa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee naannichaa Obbo Abduuljabbaar Mahaammad ibsaniiru.

Balaa mudateen jiraattoota miidhaman dandamichiisuuf koreen hundaa’uun gara hojiitti galuu kaasaniiru.

Daldaltoonni olola miidiyaa hawaasummaan tatamsa’u irraa of qusachuun hojiilee hojjetamaa jiru tumsuu akka qaban yaadachiisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment