Magaalaa Harariitti kabajni ayyaana Iid Shawaal eegale

Finfinnee, Eebila 30, 2014 (FBC) – Qaama Sagantaa “Iidaa hanga Iidaa” kan tahe sirni kabaja Ayyaana “Iid Shawaal” magaalaa Hararitti ifatti eegaleera.

Saganticharratti Preezdaantiin Naannnoo Hararii Obbo Oordiin Badrii, Ministarri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ustaaz Abuubakara Ahmadii fi Sudaan Kibbaatti Ambaasadarri Ityoophiyaa Nabiil Mahadii fi keessummoonni afeeraman argamaniiru.

Obbo Oordiin Badrii gama isaaniin, Ayyaana Iid Shawal walitti dhufnee kabajuu qofa osoo hin ta’iin, ijaarsa biyyattiif itti fayyadamu qabna jedhaniiru.

Obbo Qajeelaa Mardaasaa gama isaaniin, Aadaa fi hambaaalee seenaa Abbootii keenyarraa dhaalle kunuunsinee dhaloota dhufuuf dabarsuu qabna jedhan.

Hirmaaattoonni marichaa Aadaa fi duudhaalee Ummattootaa cimsuuf hunduu gaheesaa ba’uu akka qaba dhaamaniiru.

Tashooma Haayluutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment