Magaalaa Guddittii Yuukreen Keeyevitti haleellaan Misaa’eelaa raawwachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Magaalaa Guddittii Yuukreen Keeyevitti haleellaan Misaa’eelaa raawwachuu aanga’oonni biyyattii ibsan.

Handhuura magaalattiitti Misaa’eelli Raashiyaarraa dhukaafame miidhaa qaqqabsiisuu Kantibaan magaalaa Keeyev Viitaalii Kiliishiikoon ibsaniiru.

Haleellichi naannawaa mana Hojii tajaajila Tikaa biyyattiitti miidhaa qaqqabsiisuu Gorsaan Ministira Ministeera Biyya keessaa Yuukreen
Antoonii Geeraashiichoonkoon eeraniiru.

Dabalataan magaaloota Neepparii fi Liviivitti haleellaan kun qaqqabuu RT gabaaseera.

Riqichi Dhimma Diinagdee fi Hawaasummaa Raashiyaaf ijoo ta’e meeshaalee waraanaa gurguddoon haleellamuun kan yaadatamuudha.

Manni Hojii Tajaajila Tikaa Yuukreen haleellaa kana keessa harka qaba jechuun Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Yuukreen himatanii turan.

Dhoo’insa Riqichicharratti raawwateen booda halkan isaa Haleellaan Misaa’eelaa kun raawwachuu himameera.

Haleellicha ilaalchisee gama Raashiyaan wanti jedhame jiraachuu baatus Yuukreen Mooskoo himateerti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment