Magaalaa Gudaritti pirojektiin bishaan dhugaatii birrii Miiliyoona 300’n ijaaramuu eegale

Magaalaa Gudaritti pirojektiin bishaan dhugaatii birrii Miiliyoona 300’n ijaaramuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 16, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Gudaritti ijaarsi Pirojektii bishaan dhugaatii baajata Birrii miiliyoona 300’n eegalamuun himame.

Pirojeektichi deeggersa Bulchiinsa Magaalaa Amboon ijaarama jedhame.

Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Hacaaluu Gammachuu sirna eegalchiisa pirojeektichaa irratti, hanqina bishaan dhugaatii magaalaa Gudar furuuf boordiin bishaan dhugaatii magaalota Amboo fi Gudar tumsaan hojjechaa jiraachuu kaasan.

Ujummoo bishaanii magaalaa Amboo irraa hanga Gudaritti kiilomeetira 10 diriirfamu dabalatee, ijaarsa pirojeektichaaf baajatni birrii Miiliyoona 300 ramadamee hojichi eegalamuun wayituma kana ibsamuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment