Magaalaa Goondaritti keessummoota Ayyaana Cuuphaa simachuuf qophiin eegaluu ibsame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) –waamicha Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad  Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa miiliyoonni tokko gara biyyaa akka dhufaniif dabarsan hordofee magaalaa Goondaritti keessummoota Ayyaana Cuuphaa kabajuuf dhufan simachuuf qophiin eegaluu ibsameera.

Waamichi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Ityoophiyaanotaa fi dhalattoota Ityoophiyaa gara biyyaa akka dhufaniif taasisan sochii tuurizimii fi invastimantii magaalichaa sadarkaa olaanaan kan kakaasu ta’uu ittaanaan kantiibaa magaalaa Goondar Zawuduu Maaledaa ibsaniiru.

Sababa weerara vaayrasii koroonaa fi garee shororkeessaa ABUTiin sochiin tuurizimii magaalichaa qabbanaa’ee turuu kaasaniiru.

Magaalichatti Ayyaana cuuphaa bara kanaa haala ho’aaa ta’een kabajuuf koreen qindaa’ee gara hojiitti galamuu hogganaan qajeelcha Aadaa fi Tuurizimii magaalichaa obbo Chaalaachawu Daanyee ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment