Magaalaa Gambeellaatti hiriirri balaaleeffannaa ABUT fi deeggarsa Raayyaa Ittisaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkoleessa 26, 2014 (FBC)- Gambeellaatti hiriirri Garee shoroorkeessaa ABUT balaalefachuu fi gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruu gaggeeffame.

Hiriirichaan ergaawwan gocha badii shororkeessaa ABUT balaaleffatanii fi duula birmadummaa deeggaran darbaniiru.

Hiriirichaan dhaadannoowwan garaagaraa dhageessifamaniiru.

Haaluma kanaan, garee shororkeessaa ABUT’iin balleessuun birmadummaa Uummata Ityoophiyaa kabachiisuudha, gocha gara jabinaa ABUT fi Shanee ni balaaleffanna, ABUT diina Ityoophiyaanota hundaati jedhan dhageessifamaniiru.

Dabalataanis hiriirichaan ergaawwan gochoota badii gareewwan shororkeessaa kunneen biyya diiguuf raawwatan kan hin milkoofnee ta’uu fi  duula birmadummaa fudhachuun biyya badiirraa baraaruuf qophii ta’uu isaanii ibsuu ragaan Seekretariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment