Magaalaa Finfinnetti dhaabbilee tajaajilaa qajeelfama vaayrasii koroonaa hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinnetti dhaabbilee kenniinsa tajaajila nyaataa fi dhugaatii qajeelfama vaayrasii koroonaa hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa, Qorichaa fi eegumsa Fayyaa magaalichaa  ibse.

Weerarri vaayrasii koroonaa gara Ityoophiyaa seenuu hordofee dhaabbilee tajaajilaa fi bakkeewwan hawaasni itti walga’utti tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf qajeelfamoonni of eeggannoo bal’inaan hojiirra oolaa akka ture ni yaadatama.

Keessumaa manneen nyaataa fi dhugaatii keessatti teessoo tokkorra namni 3 ol akka hin teenye qajeelfamni ba’uun ni beekama.

Tatamsa’inni vaayrasichaa hir’ateera jechuun of eeggannoon taasifamaa ture dagatamuun yeroo ammaa gatii kaffalchiisaa jiraachuu ibsameera.

Qorannoo laabiraatoorii guyyaa kaleessaa Ityoophiyaatti taasifameen namoota kuma 13 fi 280 keessaa namoota kuma 5 fi 185 irratti vaayrasichi argamuu ibsameera.

Dhaabbileen tajaajila nyaataa fi dhugaatii kennan qajeelfama ittisa vaayrasichaa sadarkaa barbaadamuu hojiirra oolchaa akka hin jirre  Ittaantuun Daayreektara Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa, Qorichaa fi eegumsa Fayyaa magaalaa Finfinnee Tigist Badhaadhaa ibsaniiru.

Dhaabbilee qajeelfama kanarra darbanii argaman irratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment