Magaalaa Finfinneetti sosochiin qaamaa fi imalli miilaa gaggeeffame

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan sosochii ga’umsa qaamaa fi imalli miilaa mata duree ‘Daandiin namaaf’ jedhuun gaggeeffameera.

Saganticha Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Ejansii Manaajmantii magaalaa Finfinnee waliin ta’uun qopheessuu ibsameera.

Sosochii qaamaa Piyaasaa ka’uun Addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame kanarratti hawaasni naannichaa, miseensonni waldaa Ispoortiin nageenyaaf, deeggartoonni kilaba Ispoortii, Maatii Aartii Maarshaalii dabalatee hawaasni ispoortii fi hoggantoonni hirmaachuu ibsameera.

Sagantaan sosochii ga’umsaa qaamaa Daandiin namaaf jedhu torbeen gaggeeffamu cimee kan itti fufu ta’uu hogganaan Biirii Dargaggootaa fi Ispoortii obbo Abrahaam Taaddasaan ibsaniiru.

Saganticharratti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachuun fayyaa isaanii eeggachaa lammiilee dammaqoo fi oomishaa akka ta’an obbo Abrahaam waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment