Finfinneetti sosochiin galii walitti qabuu fi hirmaannaa hawaasaa Hidha haaroomsaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 14,2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sosochiin galii walitti qabuu fi hirmaannaa hawaasaa Hidha haaroomsaa eegalame.
 
Sadarkaa itti aanaa kaantibaa fi qindeessaan dhaabbilee tajaajilaa magaalaa Finfinnee Injiinar Indaawaq Abaatee sirna sosochii kana ifatti eegalchiisaniiru.
 
Proojaktiin Hidha Haaroomsaa, Ityoophiyaan tattaffii hiyyummaa keessaa ba’uuf taasiftu kan dhugoomsu ta’uus wayita kana ibsaniiru.
 
Ijaarsa Proojaktichaa xumursiisuuf jiraattoonni magaalichaa hirmaannaa isaanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
 
Guyyaa har’aa eegalee kutaa bulchiinsa magaalicha hunda keessatti hojiin sosochii galii walitti qabuu fi hirmaannaa hawaasaa eegalamuu isaa itti gaafatmaan Waajjira Qindeessaa Hidha Haaroomsaa Guddicha magaalichaa obbo Zaman Joonadii dubbataniiru.
 
Sagantaa kanaan Birrii Miiliyoona dhibba 1 ol walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.
 
Jiraattoota kuma dhibba 5 ol himaachisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Sirna kanarrtti waldaan barsiisota magaalaa Finfinnee Boondii Birrii kuma dhibba 2 bituu isaa ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment