Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan Raayyaa nageenyaa hirmaachisuun Biqiltuu miiliyoona 1 dhaabuu har’a Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti eegalameera.
Sagantichi mata duree ‘Egeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun eegalameera.
Saganticharratti Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa, miseensonni Poolisii magaalaa Finfinnee, Abbootiin Amantaa fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.
Guyyaa har’aas Raayyaa nageenyaa kuma 17 fi kutaalee hawaasaa hirmaachisuun biqiltuu kuma 100 ol dhaabuuf sagantaan dhaabbii eegalameera.
Bara kana sadarkaa magaalaa Finfinneetti biqiltuu miiliyoona 17 ol dhaabuuf karoorfamuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.