Magaalaa Finfinneetti sagantaan jalqabsiisa kenna tajaajila tola ooltummaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti sagantaan jalqabsiisa kenna tajaajila tola ooltummaa waqtii bonaa gaggeeffameera.

Sagantichi tola ooltota kuma 246 ol kan hirmaachisu ta’uu eerameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen saganticha guyyaa har’aa galma Barkumeetti ifatti eegalchiisaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa kennuun homaa namarraa kan hin hir’isne ta’uufi wanti hundi baajata mootummaan hojjetamuu akka hin dandeenye aadde Adaanach kaasaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa bonaa kanaan kutaaleen hawaasaa kumni dhibbi 3 fi kumni 53 ol fayyadamoo kan ta’an ta’uu eerameera.

Tajaajilichaan manneen namoota harka qalleeyyii kuma 3 haaromsuun fayyadamoo kan taasifamu ta’uu addeeffameera.

Dabalataan tajaajilichan baasii mootummaa Birrii biiliyoona 2 hambisuun kan danda’amu ta’uu eeramuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment