Magaalaa Finfinneetti Rooba cimaa Cabbii makate roobeen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga’e

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti har’a waaree booda Rooba cimaa Cabbii makate roobeen lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsame.

Miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyarra ga’een daraan gadduu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Cimaa dhufuu gannaatiin wal qabatee har’a waaree booda magaalaa Finfinneetti Rooba cimaa cabbiin walmakee roobeen iddoowwan garaagaraatti balaa lolaa muuddateen lubbuu namaa fi qabeenyaarratti miidhaa ga’een baay’ee gadduu himaniiru.

Askoo, Adayi abeebaa fi naannawaa Golf kilabiitti balaa lolaa hamaa dhaqqabeen hanga ammaatti daandileen kan cufaman yoo ta’u, hojjattoonni balaa tasaa iddoolee kanneenitti argamuun miidhaan namoomaa hamaan akka hin geenyeef tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Miidhamtoota gara iddoowwan kenniinsa yaalaatti geessuun yaalli fayyaa sadarkaa duraa laatamaa jiraachuu aadde Adanaach fuula Feesbuukii isaan ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa cimaa dhufuu gannaatiin wal qabatee dursee hojii ittisuurratti hojjachaa kan ture ta’us, balaan har’aa hojiiwwan dabalataa hojjatamuu akka qabu kan akeekeedha jedhan.

Ammas odeeffannoowwan akka muul’isanitti guyyoota dhufanitti roobni hammaan guddaa ta’e jiraachuu waan maluuf jiraattoonni of eeggannoo barbaachisu akka taasiisan ergaa dhaabaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment