Magaalaa Finfinneetti rakkoo dhiyeessii Beenziinii mudate hanga Jimaataatti furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti rakkoo dhiyeessii Beenziinii mudate hanga Jimaataatti furuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Dhiyeessii fi Raabsaa Boba’aa  ibse.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet magaalichatti konkolaataawwan boba’aa waraabbachuuf hiriira galanii dhaabbatan dawwateera.

Dhabamuun boba’aa Beenziinii jiruu fi jireenya isaaniitti dhiibbaa uumuu fi mootummaan furmaata akka laatu Konkolaachistoonni gaafataniiru.

Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinnee Magaalichatti hanqinni boba’aa Beenziinii mudachuu fi buufataalee boba’aa hojii seeraan alaarratti hirmaatan 3 irratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.

Hanqina Beenziiniif sababoonni garaagaraa jiraachuu Abbaa Taayitaa to’annoo Boba’aa Ityoophiyaatti Daayrektarri To’annoo Raabsaa Dheeressaa Kootuu ibsaniiru.

Waraanni Raashiyaa – Yuukreen fi  rakkoo daandii Jibuutiirraan kan ka’e kanaan dura imalli guyyoota 2 hanga 2 fi walakkaa fudhachaa ture yeroo ammaa hanga guyyoota 4 fudhachaa jiraachuun rakkoo ta’uu eraniiru.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Dhiyeessii fi Raabsaa Boba’aa obbo Ahimad Tuusaan gamasaaniin rakkoolee loojistikii fi haalota idil addunyaa waliin walqabatan furuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jimaata darberraa eegalee Beenziiniin liitirri miiliyoonni 6 Jibuutiirraa gala jiraachuu ibsuun hanga jimaata dhufuutti rakkichi guutummaan guutuutti kan furamu ta’uu dubbataniiru.

Rakkinicha yeroof furuuf kuusaa Beenziinii mootummaarraa dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Rakkichi magaalota biroo keessattis mudachuu kaasuun yeroo ittaanutti furmaanni kan kennamu ta’uu addeessaniiru.

Minyichil Azazawu fi Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment