Magaalaa Finfinneetti Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa kennamaa ture xumurame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC)  – Magaalaa Finfinneetti Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa guyyoota 4f kennamaa ture karaa nagaan xumuramuu ibsameera.

Barattoota qormaaticha fudhachuuf galmaa’an kuma 36 fi 401 keessaa barattoonni kumni 35 fi 856 qoramuu isaanii Itti aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee obbo Daanyeew Gabruu ibsaniiru.

Xumura qormaatichaarratti barattoonni dhiiga arjoomuu fi lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa midhaan nyaataa fi uffataalee taasiisuu himaniiru.

Waldeegaruun haala fooyya’aan itti fufuu akka qabuu fi qaamni hundi tasgabbii biyyaaf hojjechuu akka qaban barattoonni kunneen waamicha dhiyeessaniiru.

Afawarqi Alamuu fi Zabiib Taklaayitu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment